Fana: At a Speed of Life!

Nyaata, Dabtaraa fi Yuunifoormii barattootaaf Birrii biiliyoonni 8.5 ramadamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Bara 2017 keessa Nyaata, Dabtaraa fi Yuunifoormii barattootaaf Birrii biiliyoonni 8.5 ramadamuu Ejansiin Nyaataa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi barattoota manneen barnootaa mootummaatti baratanii dabalaa dhufuu Daayrektarri Olaantuun ejansichaa Aadde Shittaayee Mahammaad himaniiru.

Bara baajataa 2016 keessa barattoota kuma 800 oliif guyyaan yeroo lama nyaata dhiyeessuun danda’amuu himaniiru.

Barattoota manneen barnootaa idileen duraa hanga kutaa 12ffaatti jiran miiliyoona 1 oliif Yuunifoormii fi Dabtarri bitamuu himaniiru.
Bara baajataa 2017 nyaata, Dabtaraa fi Yuunifoormii barattootaaf Birrii biiliyoonni 8.5 ramadamuu dubbataniiru.

Sagantaa nyaataa manneen barnootaa kun haadholii kuma 17 oliif carraa hojii uumuu ragaan Ejansii Nyaata Bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Magaalaa Finfinneetti Sagantaan nyaata barattootaa bara 2012 eegaluun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.