Fana: At a Speed of Life!

Beekamtii fi Badhaasa Pireezidaanti Saahilawarq naaf kennanitti gammadeera – Atileet Taammiraat Tolaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Beekamtii fi Badhaasa Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen kennameefitti gammaduu Atileet Taammiraat Tolaan ibse.

Atileet Taammiraat Tolaan Olompikii Paarisiin Meedaaliyaa Warqee Itiyoophiyaaf argamsiisuun kan yaadatamuudha.

Kaleessa jila Atileetiksii Olompikii paarisirratti hirmaateef sagantaan beekamtii fi badhaasaa gaggeeffameera.

Atileet Taammiraat Tolaan Birrii miiliyoona 7 badhaafameera.

Atileet Taammiraat carraa hirmaannaa Maaraatoonii akka argatu kan taasiise Atileet Sisaay Lammaa galageeffateera.

Atileetiksiin Itiyoophiyaa bakka duraatti akka deebi’u tarkaanfiin sirreeffamaa hatattamaan fudhatamuu akka qabu Pireezidaanti Saahilawarqi saganticharratti hubachiisaniiru.

Dhiibbaa ture dandamachuun Atileetota Itiyoophiyaaf meedaaliyaa argamsiisaan galateeffataniiru.

Atileetiksiin Itiyoophiyaa addunyaatti kan beeksiisee fi ummata biratti miira cimaa kan qabu ta’uu Pireezidaanti Saahilawarqi ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.