Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun Galiin Doolaarri miiliyoonni 800 argamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara 2016 keessa Oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun Galiin Doolaarri miiliyoonni 800 argamuu Biiroon Invastimantii fi Indaastirii naannichaa beeksise.

Abbootiin qabeenyaa naannicha keessatti hojjetan oomishaalee sharafa alaa hambisanirratti xiyyeeffachuun akka hojjetan deeggarsi barbaachisu taasiifamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis himaniiru.

Bara baajataa xumurame keessaa oomishaa alaa galan biyya keessatti oomishuun sharafa alaa Doolaara miiliyoona 800 baraaruun danda’amuu eeraniiru.

Bara 2017 keessas abbootii qabeenyaa oomisha alaa galan biyya keessatti oomishuurratti bobba’aniif deeggarsi addaa kan taasiifamu ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.