Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xurunaan Ogeessa Diinagdee Olaanaa ‘FAO’ waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan Ogeessa Diinagdee Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Dooktar Maaksiimoo Toreeroo waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan sirna qonnaa ishee ammayyeessuuf tattaaffii taasisaa jirtuun dhaabbatichi deeggarsa teeknikaa fi maallaqa taasisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu marichaan kaasuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Gufuulee qonnaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atan hambisuu fi carraalee jiran fayyadamuuf, haala dhaabbaticha waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuun waliigalteerra ga’uu himan.

Dhaabbanni Nyaata fi Qonnaa Addunyaa damee qonnaa Itiyoophiyaaf deeggarsa damee hedduu taasisaa jiruufis galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.