Fana: At a Speed of Life!

Dubartoonni Giddugalichatti leenji’aa turan marsaan jalqabaa eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Dubartoonni Giddugala Dagaginaa Ogummaa fi Haaromsa Dubartootaatti leenji’aa turan marsaan jalqabaa eebbifaman.

Sirna eebbichaa ilaalchisuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, eebbifamtoonni muummeewwan shaniin, dameewwan ogummaa 18’n baatiiwwan afran darbaniif leenji’aa turanniiru.

Dabalataan gorsa xiinsammuu kennuufiin haala jireenyaa gadaanaa keessaa ba’uun, deeggarsi taasifamaafii turuu fi fuuldurattis adeemsa hojii keessatti hordoffii fi deeggarsa kan taasisaniif ta’uu himan.

Leenjitoota hundaaf carraan hojii uumamee, bakki hojii mijeeffamuun furtuun kennamuufii himaniiru.

Magaalaa haqni hawaasummaa keessatti mirkanaa’e ijaaruuf hojiileen eegalaman, lammiileef abdii ta’uun, hojiilee namarratti xiyyeeffatan akka hojjetamaniif abbootii qabeenyaa qajeelummaan tumsa taasisan galateeffataniiru.

Eebbifamtoonni marsaa jalqabaa giddugalichaas baga gammaddan jedhanii, dameewwan ogummaa bobba’anirratti bu’aa qabeessa ta’uun kanneen biroof fakkeenya akka ta’an imaanaa jedhaniiru.

Jalqabbiin kunis,dubartoota cabinsi hawaas-diinagdee irra ga’ee hedduu wal’aanuu kan eegamu ta’uu kaasuun, kanaafis qamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaannaan taasisan cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.