Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa oomisha dhoksanii fi gati hinmalle taasisaan kuma 5 fi 500 ol irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Oromiyaatti fooyyessii diinagdee gooroo taasifame hordofee dhaabbilee daldalaa dabalii gatii hinmalle taasisanii fi oomishaalee dhoksan kuma 5 fi 500 ol saamsamuu Biiroon Daldalaa naannichaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan Biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo, dhaabbilee seeraan ala gatii dabalanirratti to’annoo fi hordoffii cimaan taasifamaa jiraachuu FBC’f ibsaniiru.

Hanga ammaattis dhaabbilee daldalaa daballii gatii hinmallee taasisaanii fi oomishaalee dhoksan kuma 5 fi 500 ol yoo saamsaman, daldaltoonni 135 to’annoo jala oolfamuu fi kanneen biroon eeyyamni isaanii akka haqamu taasifamuu akeekaniiru.

Hojiin to’annoo fi hordoffii taasifamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu eeruun, hawaasni shamataanis daldaltoota daballii gatii hinmalle taasisaan wayita argu qaamolee dhimmichi ilaallatuutti saaxiluu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.