Fana: At a Speed of Life!

Riikardiiwwan 31 kan itti fooyya’an Olompikii Paariis

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC) – Qopheessummaa Faransaayiin kan gaggeeffame Olompikiin Paariis 33ffaan riikardiiwwan 31 fooyya’aniiru.

Guyyoota 16n darbaniif gaggeeffamaa kan ture Olompikiin Paariis 2024 taateewwan dinqisiisoo hedduu keessummeessuun xumurameera.

Taphoota Olompikii kanaan riikardiiwwan haaraan 31 kan galmaa’a yoo ta’u, kunis Olompikii Tookiyoo Jaappaanitti waggaa 4 dura gaggeeffamerra 9 caalmaa qaba.

Gosoota Ispoortii Atileetiksii, Gaara Bahuu, Bishaan Daakaa, Dorgoommii Biskileettii fi ulfaatina kaasuun kanneen riikardiin Olompikii fi Addunyaa itti fooyya’an keessaa muraasa.

Atileetiin Itiyoophiyaa Taammiraa Tolaan Maaraatooniin Riikardii Olompikii fooyyeesseera.

Dhalattuun Itiyoophiyaa Lammiin Neezarlaandii Siifan Hasan fiigicha Maaraatoonii Riikardii fooyyeessuun injifatte.

Siifan meetira kuma 5 meedaaliyaa Nahaasii, kuma 10 Nahaasii fi Maaraatooniin warqee injifachuun seenaa addaa hojjette.

Keeniyaan Meedaaliyaa Warqee 4, Meetii 2 fi Nahaasii 5 waliigala meedaaliyaa 11 Afrikaarraa 1ffaa, Addunyaarraa 17ffaa, Aljeeriyaan Warqee 2 fi Nahaasii 1 waliigala meedaaliyaa 3 Afrikaarraa 2ffaa, Addunyaarraa 39ffaa, Afrikaan Kibbaan Warqee 1, Meetii 3 fi Nahaasii 2 waliigala meedaaliyaa 6 Afrikaarraa 3ffaa, Addunyaarraa 44ffaa, Itiyoophiyaan Warqee 1 fi Meetii 3 waliigala meedaaliyaa 4 Afrikaarraa 4ffaa fi Addunyaa 46ffaan xumurte.

Ameerikaan Warqee 40, Meetii 44 fi Nahaasii 42 waliigala meedaaliyaa 126 1ffaa, Chaayinaan Warqee 40, Meetii 27 fi Nahaasii 24 waliigala meedaaliyaa 91’n 2ffaa fi Jaappaan Warqee 20, Meetii 12 fi Nahaasii 13 waliigala meedaaliyaa 45 walitti qabachuun sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.

Waliigalaan biyyoota Olompikii 33ffaarratti hirmaataan 204 ol keessaa biyyoota 84 qofatu meedaaliyaa keessa gale.

Ameerikaan Olimpikii bara kanaa walumaa galatti Atileetota 592 hirmaachisuun yoo dursitu, Somaaliyaa, Beeliiz, Naawuruu fi Leektanistaayin Atileetii tokko tokko qofa hirmaachisan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.