Fana: At a Speed of Life!

GEA ministeerichaaf konkolaattotaa fi meeshaalee Birrii miiliyoona 40’tti tilmaamaman deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Gamtaan Emereetota Arabaa Ministeera Nageenyaaf konkolaattotaa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 40’tti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Kaayiraddiin Tazarraa, Gamtaan Emereetota Arabaa Ministeericha waliin ta’uun hojiilee ijaarsa nageenyaarratti waloon hojjechuuf akkataa waadaa galameen deeggarsa meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 40’tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru.

Pireezidaantii Yuunivarsiitii Namoomaa Mahaammad Biin Zayiid, Kaliifaa Al Dahiliin gama isaaniin, Itiyoophiyaa fi Gamtaa Emereetota Arabaa gidduu hariiroon jiru cimee itti fufa jedhan.

Keessumaa ministeericha waliin ta’uun ijaarsa nageenyaarratti xiyyeeffannaan akka hojjetanii fi deeggarsi amma taasifame cimee akka itti fufu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’sa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.