Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri shaakallii, rakkoo teeknikaa mudateen Negeellee Arsii qubachuuf dirqamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)-Yuunivarsiitii Aviiyeeshinii Itiyoophiyaa Damee Hawaasaatti xiyyaara shaakallii leenjii idileerra rakkoo teeknikaa mudateen, xiyyaarattiin naannawaa Negeellee Arsii qubachuuf dirqamuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophyaa beeksise.

Rakkoo mudate hordofees xiyyaarittiin hawaasarraan haala balaa qaqqabsiisuu hindandeenyeen qubachiisuuf tattaaffii olaanaan taasifamus, guddattuu tokko irraan miidhaa geessisuu eereera.

Ka’umsa balichaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun hojiin qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu Daandiin Qilleensicha gama miidiyaa hawaasummaa isaan hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.