Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Tamiraat, milkaa’ina dhuunfaa qofa miti-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Injifannoon Atileet Taammiraat Tolaan Olompikii Paariis irratti galmeesse milkaa’ina dhuunfaa qofa mitijedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis, Atileet Tammiraat Tolaan fiigicha Maaraatoonii Olompikii Paariis injifachuun Meedaaliyaa Warqee Itiyoophiyaaf argamsiisuu ilaalchisee ergaa gammachuu dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanis akka ittaanutti dhiyaateera.

“Taphoota Olompikii Paaris 2024, biyya Faransaayitti gaggeefamaa jiruun, dorgommii fiigicha Maraatoonitiin Atileet Taamiraat Tolaa, sadarkaa 1ffaa bahuu qofa osoo hintaane rikardii Olompikii haara galmeessisuun alaabaa biyya keenya Itiyoophiyaa addababayii addunyaatti kabajaan mirmirsuu isaatti gammachuu guddaa natti dhagahame ibsuun barbaada.

Cichoomina, kutannoofi jabinaan hojjechuun isaa, ummata naannoo akkasumas ummatoota biyya keenyaa maratti kabaja horeera.

Atileet Tamiraat Tolaa, ummata naannoo akkasumas ummatoota Itiyoophiyaa maraan baga gammaddan! Baga gammadde! Baga milkoofne! Baga milkoofte! jechuun barbaada.

Injifannoon Tamiraat, milkaa’ina dhuunfaa qofa miti; Dargaggoota naannoo akkasumas biyya keenyaa maratti, cichoominaafi fedhii guutuun yoo qabame, wanti hinmilkoofne akka hinjirre agarsiisuun kaka’umsa kan uumudha.

Irra deebiin, Atileet Tamiraat Tolaa, ummata naannoo akkasumas ummattoota biyya keenyaa maraan baga milkoofte! Baga milkoofne! jechuun barbaada.”

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.