Fana: At a Speed of Life!

Olompikiin Paaris Dilbata dhufu xumura argata

Finfinnee, Hagayya 3, 2016 (FBC) – Taphoota Olompikii Paaris Dilbata dhufu xumura argatu Ameerikaan hanga ammaatti baay’ina meedaaliyaan dursaa jirti.

Itiyoophiyaan sadarkaa 63ffaarratti argamti.

Erga eegalee guyyoota 14 kan lakkoofsi Olompikiin Paaris xumuramuuf guyyoota 2 qofatu isa hafa.

Dorgommiiwwan hanga ammaatti gaggeeffameen Ameerikaan Meedaaliyaa 103 walitti qabachuun sadarkaa 1ffaan yoo dursitu,Chaayinaan meedaaliyaa 74 sadarkaa 2ffaa fi Awustiraaliyaan meedaaliyaa 46 sadarkaa 3ffaarratti argamti.

Keeniyaan Meedaaliyaa 5 Afrikaarraa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 40ffaarratti yoo argamtu, Afrikaan Kibbaa Meedaaliyaa 4 sadarkaa 2 fi 41ffaa, akkasumas Ugaandaan meedaaliyaa 2 sadarkaa 3ffaa fi 42ffaa qabataniiru.

Itiyoophiyaan meedaaliyaa meetii lamaan Addunyaarraa sadarkaa 63 fi Afrikaarraa ammo sadarkaa 7ffaarratti argamti.

Fiigicha meetira kuma 10 dubartoota gidduutti har’a gaggeeffamuun Itiyoophiyaan meedaaliyaa dabalataa ni argattiin eegama.

Akkasumas Fiigicha Maaraatoonii Koorniyaa lamaanuu,meetira kuma 5 dhirootaa fi meetira kuma 1 fi 500 dubartootaa boruu fi Iftaan fiigamuunis Itiyoophiyaan meedaaliyaa dabalataa argachuu akka dandeessu ni eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.