Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa fi Biriitaaniyaan Finciltoota Huutii haleelaan

Finfinnee, 2, 2016 (FBC) – Ameerikaa fi Biriitaaniyaan haleellaa qindaa’aa Finciltoota Huutiirratti qiyyeeffate raawwachuu gabaafame.

Magaalaa Kibba Lixa Yeeman Teez irratti haleellaa lama raawwachuu Arab News madda Oduu Al Maasiiraahii wabeeffachuun gabaaseera.

Biyyoonni kunneen haleellaa finciltoonni Huutii Galaanaa Diimarratti raawwataaniif deebii kennuuf haleellaa qindaa’aa raawwachuu ibsameera.

Finciltoonni Huutii erga Waraanni Gaazaa eegalee kaase Galaanaa Diimaa, Galoo galaana Eedan, Garba Hindii dabalatee ulaawwan Dooniwwan Daldalaa irra sochanirratti haleellaa raawwachaa turaniiru.

Finciltoonni kunneen Baatii Sadaasaa eegalee hanga ammaatti Dooniwwan Israa’eel 42, kan Ameerikaa 72, kan Ingiliiz 12 fi kan biyyoota biroo 45 waliigalaan Dooniwwan 172 barbadeessuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.