Fana: At a Speed of Life!

Bara 2017 bulchiinsaa gaarii fi hojiilee nageenyaarratti jijjiirama olaanaa fiduuf ni hojjetama-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2016 (FBC)- Bara 2017 bulchiinsaa gaarii fi hojiilee nageenyaarratti jijjiirama olaana fiduuf kan hojjetamu ta’uu Minstirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Gamaggamni raawwii bara 2016 fi karooraa bara 2017 Dhaabbilee Raawwachiistootaa Ministira Muummeeef waamamanii geggeeffama jira.

Waltajjicharrattis Obbo Tamasgeen Xurunaan akka jedhanitti, dhaabbilee raawwachiistotaa waamamtoota Ministiraa Muummeerraa hojiin dhaabbilee biroof fakkeenya ta’u kan irraa eegamuudha.

Waltajjicharratti dhaabbilleen gabaasa raawwii fi karoora isaanii dhiheessa jiraachuun erameera.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.