Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee kuma 26 ol leensjisuun biyyoota garaagaraatti bobbaasuun danda’ameera-Aadde Mufaariyaat

Finfinnee, Hagayya 2, 2016 (FBC)- Baatii Adoolessaa qofa lammiilee kuma 26 ol leenjisuun biyyoota garaagaraatti bobbaasuun akka danda’ame Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil ibsan.

Raawwiin karoora bobbii hojii biyya alaa gamaaggamameera.
Bara baajataa xumurametti, muuxannoo horachuun bobbii hojii biyya alaatiin lammiilee hedduu fayyadamtoota taasisuuf qaamoleen damee hundaan gahee isaanii sirnaan bahachuu fi karoorfachuun hojiitti seenuu kaasan.

Humna namaa leenji’ee fi gariin leenji’e, gara biyyoota Giddugaleessa Bahaatti dabalataan gara biyyoota Awurooppaatti bobbaasuun baatii kana keessaa bu’aa galmaa’e ta’uus akeekan.

Kenniinsa tajaajilaa haqa qabeessa, saffisaa fi ijoo akkasumsa bobbii hundi mirgaa fi dirqama lammiilee kan eegsise akka ta’u gochuuf Baatii Adoolessaa keessaa lammiilee kuma 26 fi 195 leenjisuun bobbaasuun akka danda’ame ibsaniiru.

Dabalataan hojiileen eegalaman cimsuun qindoominaa qaamolee dhimmichi ilaallatu gidduu gara sadarkaa caaluutti ceesisuu fi carraa gabaa idil addunyaa madaalu sirnaan fayyadamuuf dhaabbilee leenjii sirnaan gurmeessuun, leenjii qulqullina qabu akka kennan taasisuun barbaachisaa ta’uu waliigalamuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.