Fana: At a Speed of Life!

Zayinni Nyaata leetirri kumni 800 Waldaalee Shamattootaaf raabsame

Finfinnee, 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullalleetti Zayinni Nyaataa leetirri kumni 800 daldaltoota seeraan alaarraa dhaalame waldaalee shamattootaaf raabsameera.

Fooyyeessa Diingadee Gooroo taasiifamaa jiru hordofee daldaltootaa oomishaa dhoksanii fi daballii gatii taasiisanirraii tarkaanfiin seeraa fudhachaa jiraachuu ragaan Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan Zayinni Nyaataa Leetirri kumni 800 seeran ala kuufamee ture erga dhaalamee booda Waldaalee Shamattootaa 10’f raabsamuu Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa kutaa magaalichaa, Obbo Andu’aalem Kibrat eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.