Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 7 taasiste

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)- Mootummaan Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu deeggarsa Doolaara miiliyoona 7 taasisuu beeksise.

Deeggarsicha gama Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Waldaa Qaxxaamura Diimaa Addunyaa Akkasumaas Dhabbata Deeggarsaa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomaniin qaqqabsiisuuf akka ta’es eerameera.

Deeggarsichi kutaalee hawaasaa naannawaalee walitti bu’iinsaan miidhamanii fi rakkoof saaxilamaniif kan oolu ta’uun ibsameera.

Kana malees, hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf tattaaffii taasifamuuf kan oolu ta’uun akeekamuu Itiyoophiyaatti Embaasiin Kooriyaa Kibbaa ibsa FBC’f ergeen beeksiseera.

Kooriyaan Kibbaa deeggarsa namoomaarratti Mootummaa Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.