Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota Seeraan Ala meeshaalee bu’uuraa dhoksanii argamanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) –Daldaltoota Seeraan Ala meeshaalee bu’uuraa dhoksanii argamanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Daldaltoota Oomishaalee dhoksuun hanqinni akka mudatuu fi daballi gatii hin malle taasiisan ittisuuf hordoffii fi to’annoo cimaa taasiisuuf Koreen Hundaa’ee hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa fi Korichi Fooyyessa Diinagdee taasiifamerratti hojii hubannoo uumuu hojjechuun cinaatti Daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisanii fi oomisha dhoksanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu himeera.

Hordoffii taasiifameen Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 5tti Zayinni Mankuusaa guutuun to’atamuu ibseera.

Kutaa magaalaa Booleettis Zayinni Abbaan Leetira 3 kumni 8 , Abbaan Leetira 5 kumni 1 fi 924, akkasumas abbaan Leetira tokkoo 128 bakka dhokfametti to’atamuu himeera.

Kutaa magaalichaatti Dhaabbileen Daldalaa oomisha dhoksanii fi daballii gatii hin malle taasiisan 73 saamsamuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.