Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti hojiin kunuunsa midhaanii mala aadaafi ammayyaan gaggeeffamaa jira – BQO

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti hojiinkunuunsa midhaanii mala aadaafi ammaayyaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa ibseera.

Barana hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoona 9.3 midhaan gosa garaa garan misoomuun kunuunfamaa jiraachuu eereera.

Qonna Gannan waliigalaan lafa heektaara miiliyoona 10.8 qotuuf karoorfamee hanaga ammaatti lafti heektaarri miiliyoona 9.3 midhaan gosa garaa garaan uwwifamuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrekterri Daarektoreetii Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen himaniiru.

Midhaan misoomees mala aadaa fi keemikaalaan kunuunfamaa jiraachuu kaasaniiru.

Lafa Qonna Gannaa misoome keessaa heektaari miiliyoonni 7.4 kilaastaraan misoomuu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Qonna Gannaa baranaarraa omishni kuntaalni miiliyoonni 337 kan eegamu ta’uus eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.