Fana: At a Speed of Life!

Obbo Taayyee Danda’aan himannaa 1ffaa fi 2ffaarraa bilisa yoo jedhaman, 3ffaa ilaalchise ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan ajejaman

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Ministir Deetaan duraanii Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan himannaa 1ffaa fi 2ffaarraa bilisa yoo jedhaman, 3ffaa ilaalchise ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan Manni Murtii yaada murtoo kenne.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimma Yakkoota heera Mootummaa fi sirna Mootummaa ramaddii Liddaa Obbo Taayyeen himata 1ffaa fi 2ffaarraa bilisa ta’uu isaanii fi himata 3ffaa dhiyaate ilaalchisee ragaa Ittisaa akka dhiyeeffatan yaada murtoo kenneera.

Himannaan Abbaan Alaangaa yakka 1ffaa fi 2ffaa jechuun dhiyeesse seera yakkaa keewwata 61 ilaalcha keessa kan hin galchine ta’uu manni murtii oolmaa isaan har’aan ibseera.

Haaluma kanaan himatichi mirga heera mootummaa fayyadamuun yaada ofii ibsachuurraan kan hafe nageenya, hamilee fi bilisummaa ummataa waan walqabatu kan hin qabne ta’uu isaan kufaa taasiisuu eereera.

Obbo Taayyeenis himannaa 3ffaa ilaalchisaa yaada kennaniin, mirgi wabii eegameefii mana amala sirreessaan ala ta’anii ragaa ittisaa akka dhiyeeffatan gaafataniiru.

Manni murtichaas gaaffii Obbo Taayyee fi yaada abbaan Alangaa dhiyyeesse erga dhaggeeffatee booda gaaffii mirga wabii Obbo Taayyeen dhiyyeessan kufaa taasiiseera.

Himatamaan himannaa 3ffaa ilaalchisee ragaa Ittisaa akka dhiyeeffatan Onkololeessa 8, 2017tti beellama kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.