Fana: At a Speed of Life!

Magaalotni fi gandootni 143 waggootaaf Tajaajila Elektirikiin ala turan tajaajilatti deebi’an -TEO

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Magaalotni fi gandootni 143 waggootaaf Tajaajila Elektirikiin ala turan tajaajilatti deebi’uu Tajaajilli Elektirikii Oromiyaa beeksise.

Godinaalee Wallaggaatti rakkoo nageenyaa uumamee tureen walqabatee bu’uuraalee elektirikiirratti mancaatii qaqqabeen iddoowwan 143 turtii yeroo hanga waggaa 6-tti tajaajila elektirikiin ala turan hojii deebisanii suphuutiin tajaajilichatti deebi’uu himeera.

Hojii deebisanii suphuu kanaan godina Wallagga Bahaatti iddoowwan 53, Horroo Guduruu Wallaggaatti iddoowwan 36, Wallagga Lixaatti gandootaa fi magaalota 35 akkasumas Godina Qeellam wallaggaatti gandootaa fi magaalota 19 tajaajila yeroo dheeraaf dhabanii turan irra deebiin argachuu isaanii tajaajilichi eereera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.