Fana: At a Speed of Life!

Giddugala haaromsa meeshaalee wal’aansaa Hospitaalaa Alerti ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Giddugala haaromsa meeshaalee wal’aansaa Hospitaala Kompiriheensiivii Alerti ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Ministirri Minnisteera Fayyaa Dookatr Maqidas Dhaabaa fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Rippaabilikii kooriyaa Juungi Koongi dhagaa bu’uuraa ijaarsichaa kaa’aniiru.

Dooktar Maqidas Dhaabaan sirnicharratti, akka biyyaatti galteewwan wal’aansaa yeroo dheeraa lakkoofsisan deebisanii fayyadamuurratti hanqinni akka mul’atu dubbatan.

Sababa kanaanis meeshaaleen wal’aansaa hedduu haaromfamuun tajaajila kennuu utuu danda’anii qisaasamaaf saaxilamaa jiraachuu yaadachiisan.

Giddugalli akka ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ames fayyadamaa fi qabiinsa meeshalee wal’aansaa yeroo dheeraa lakkoofsisanii kan fooyyessu ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi giddgalichaas deeggarsa maallaqaa Faawundeeshinii Eegumsa Fayyaa Idil Addunyaa Rippaabilikii Kooriyaan taasifameen kan ijaaramu yoo ta’u, waggaa tokko keessatti xumuramuun tajaajila kan eegalu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.