Fana: At a Speed of Life!

Baajanni dabalataa Birriin biiliyoonni 550 ol Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuufi jedhame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)–Bara Baajataa 2017’f Baajanni dabalataa Birriin biiliyoonni 550 ol Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuuf ta’uu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Baajatichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan akka ragga’u qophiin taasifamuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ibsaniiru.

Baajanni Bara 2017 Birriin biiliyoonni 971.2 ragga’uun kan yaadatamuudha.

Dooktar Iyyoob hojiirra oolmaa fooyyessa Diinagdee Gooroo ilaalchisee ibsa kennaniin, fooyyesiichi diinagdee amansiisaa ijaarsuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu himaniiru.

Fooyyessa taasiifame hordofee maddeen Faayinaansii garaa garaa deeggarsa taasiisaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’uura kanaan baajata bara 2017’f jedhamee kana dura ragga’een ala baajanni dabalataa kan ragga’u ta’uu kaasaniiru.

Baajanni dabalataa kunis Birrii biiliyoona 550 ol ta’uu dubbataniiru.

Kana keessaa Birriin biiliyoonni 240 misooma hawaasummaaf kan oolu ta’uu himaniiru.

Mootummaan fooyyessa diinagdee gooroo karaa guutuun hojiirra waayita oolchu hawaasa galii gadi aanaa qaban giddugaleeffatee ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis lammiilee galii dhaabbii qabanii fi misooma Seeftii Neetiin deeggaramaniif tumsa gahaa taasiisuuf baajanni dabalataa kun murteessaa ta’uu Dooktar Iyyoob kaasaniiru.

Baajanni dabalataa kun deeggarsa Zayitaa, Boba’aa fi Qorichaaf kan oolu akkasumas waayita hojiirra oolmaa imaammatichaa dhiibbaa qaqqabuu malu qolachuuf kan dandeessisuudha jedhan.

Baasii biyyaalessaa humna ofiin uwwisuuf tattaaffiin taasiifamu cimee kan itti fufuu fi imaammanni Diinagdee Gooroo kun hojiirra ooluun galii guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.