Fana: At a Speed of Life!

Bara 2016 Omishaalee Alergeerraa galiin Doolaara miiliyoona 765 argame-BIIO

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC)- Bara 2016 Oomishaalee gabaa alaaf dhiyaatanirraa Galiin Doolara Ameerikaa miiliyoona 765 olii argamuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Oromiyaa beeksise.

Biirichi akka beeksisetti, bara 2016 oomishaalee Seektara Invastimantii Alergee Meetirik toonii kuma 199 fi 837 ol ergameera.

Omishaalee Abaaboo, Kuduraa fi Muduraa akkasumas Manufakcharingi gabaa alaaf dhiyaatanirraas galiin Doolaara miiliyoona 765 fi kuma 58 fi 729 ol argamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.