Fana: At a Speed of Life!

Olompikii Paarisiin har’a fiigichi xumuraa Atileetonni Itiyoophiyaa itti eegaman ni gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 29, 2016 (FBC) – Fiigichi xumuraa meetira kuma 5 fi meetira 800 dubartootaa Atileetonni Itiyoophiyaa itti eegaman ni gaggeeffama.

Har’a halkan sa’aatii 4:15 irraa eegalaa fiigichi meetira kuma 5 durbatoota gidduutti gaggeeffamu ni eegamaa.

Atileet Ijjigaayyoo Taayyee, Gudaaf Tsiggaayii fi Madinaa Isaan tilmaama injifannoo argataniiru.

Haaluma walfaakkaatuun fiigichi xumuraa meetira 800 dubartoota gidduutti halkan sa’aatii 4:45 irraa jalqabee ni gaggeeffama.

Atilee Tsiggee Dhugumaa fi Warqinesh Massaleen tilmaama injifannoo argataniiru.

Akkasumas halkan sa’aatii 2:04 irraa jalqabee fiigichi gulaallii meetira kuma 3 dhiirotaa kan gaggeeffamu yoo ta’u, Atileen Lammeechaa Girmaa, Geetinnat Waalee fi Saamu’eel Firew ni hirmaatu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.