Fana: At a Speed of Life!

Buna tajaajila tuurizimiif oolchuuf walii galteen mallatteeffame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)- Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa fi Komishiinii Tuuriziimii Oromiyaa Buna tajaajila tuurizimiif oolchuuf waliigaltee mallatteesaniiru.

Waliigaltichas Komishinarri komishiinii Tuuriizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa fi Daayirektara Olaanaa abbaa taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Dooktar Adduunyaa Dabalaan mallatteessaniiru.

Aadde Laliseen sirna waliigaltichaarratti, biyyattiin omisha bunaa qofa irraa sharafa biyyaa alaa argataa turuu dubbatanii, waliigalteen amma taasifamee buna tajaajila turiiziimiif oolchuun galii dabalataa biyyattiif argamsiisuuf kan tumsu ta’uu himaniiru.

Dooktar Addunyaa Dabalaan gama isaaniin bosana Bunaa keessatti loojiiwwanii fi bu’uuraalee misoomaa ijaaruun Buna biyyattii beeksiisuuf qindoominaan ni hojjatama jedhan.

Muktaar Xahaa fi Abdurraahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.