Fana: At a Speed of Life!

Torban dhufuun eegalee Zayiitii liitirri miiliyoona 14 raabsamuufi

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)-Torban dhufuun eegalee Zayiitni nyaataa liitirri miiliyoona 14 sadarkaa biyyaalessaatti raabsamuuf ta’uu Ministeerri Daldala fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasaahuun Gofeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Buufata gumurukaa Adaamaatti konkolaattotaa meeshaalee bu’uuraa fe’anii dhaabbata 700 ol adeemsa Seeraa gumurukaa xumuruuf ibsan.

Abbootiin qabeenyaa waliinis oomisha gabaaf dhiyeessuun haala danda’amurratti mari’achuun kallattii waloo akeekuu beeksisan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.