Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Shororkeessummaa Somaaliyaatti raawwatame hordofee Dooktar Abiy ergaa gaddaa dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Haleellaa Shororkeessummaa Somaaliyaatti raawwateen lubbuu namaa darbeef gaddi guddaan Itti dhagahamuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Haleellaa Shororkeessummaa Qarqara Galaanaa Magaalaa Moqaadishootti raawwateen namoonni 32 du’uu fi namoonni 63 ammoo miidhaa qaamaaf saaxilamuun kan yaadatamuudha.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad lubbuu namaa darbee fi miidhaa qaqqabeen gaddi itti dhagahamuu ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Maatii miidhamtootaa fi ummata Somaaliyaaf jajjabina hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.