Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan jeettiiwwaniifi dooniiwwan waraanaa dabalataa Baha Giddugaleessatti bobbaasuufi

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Iraan Israa’el doorsisuu ittifufuu hordofee Ameerikaan jeettiiwwaniifi dooniiwwan waraanaa dabalataa Baha Giddugaleessatti bobbaasuufi jedhame.

Ameerikaan haleellaa Iraaniifi michoonni ishee Israa’eliirratti aggaamaa jiran qolachuuf  dooniiwwaniifi jeettiiwwan waraanaa dabalataa gara Baha Giddu-galeessaatti kan bobbaastu ta’uu Peentaagon beeksifte.

Dursaan siyaasaa Hamaas Ismaa’el Haniyaa Iraan keessatti, akkasumas ajajaa olaanaa garee hidhattoota Hezboollaah ajjeefamuu hordofee naannichatti muddamni jiru dabaleera.

Baha Giddu-galeessaa keessatti humna ittisa misaa’elii bobbaasuuf qophiin xumuramuu Peentaagoon beeksifteerti.

Hogganaan amantaa Iraan Ayaatolaa Alii Kamiinii Israa’el ajjeechaa Ismaa’el Haniyyaarratti raawwatteef  Israa’eel adabbiin cimaan kan eegattu ta’uu ibsanii turan.

Dursaan Hamaas Ismaa’el Haniyaa Kibxata halkan Adoolessa 30, 2024 sa’aatii 8:00 irratti magaalaa guddoo Iraan, Tehiraan keessatti mana keessa osoo jiranii ajjeefaman.

Iraaniifi Hamaas hogganaa kana misaa’eliin ajjeese Israa’el jedhanis, Israa’el garuu yaada kennuurraa of qusatteerti.

 

 

 

Ministirri Muummee Israa’el Benjaamiin Netinyaahuun biyyi isaanii guyyoota darban diinotasheerratti haleellaa hamaa qaqqabsiifte jedhanii turan.

Kana hordofee Waraanni biyyoota Baha Giddu-galeessaa biroo hirmaachise naannawaa kana jalqabamuu danda’a sodaan jedhu dabalaa dhufuu BBCn gabaaseera.

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez  naannawaa kanatti muddamni haala yaaddessaa ta’een dabalaa deemuu ilaalchisee akeekkachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.