Fana: At a Speed of Life!

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu adeemsa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Nageellee Booranaa daawwate

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) –Jilli Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu adeemsa ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Nageellee Booranaa daawwateera.

Buufanni kun Birrii biiliyoona 1.5 oliin ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, bara dhufu keessa xumurama jedhame.

Naannawichatti Badhaadhina hawaasaa mirkaneessuuf damee hundaan hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Kuufama qabeenyaa naannawichatti argamu sirnaan fayyadamuuf buufanni xiyyaaraa kun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa biroon adeemsa ijaarsa buufatichaa daawwataniiru.

Maraa’ool Kadirii fi Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.