Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’ina dhibee Busaa waaraan ittisuuf waltajjiin sosochii hoggansa olaanoo gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Tatamsa’ina dhibee Busaa waaraan ittisuuf waltajjiin sosochii hoggansa olaanoo gaggeeffameera.

Walajjii sosochii kana Ministeera Fayyaa fi Ministeera Raayyaa Ittisaatu waloon qopheesse jedhame.

Dhaabbileen lamaan kana duras dhimmoota fayyaarratti tumsaan hojjechaa turuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Sababa balaa namtolchee fi uumamaan weerarri dhibee adda addaa mudachuu Dooktar Darajjeen himaniiru.

Weerara kanneen qolchuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Raayyaan Ittisaa ergama isaa akka raawwatu Dhibee Busaa ittisuurratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministeera Raayyaa Ittisaatti hogganaan Qajeelcha Fayyaa Leetanaal Jeneraal Xiqaabuu Yilmaan eeruu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.