Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan qophii gahaa qorannoorratti hundaa’e taasiisuun imaammata Diinagdee Gooroo karaa guutuun hojiirra oolchuu eegale – Dooktar Fitsuum Asaffaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Mootummaan qophii gahaa qorannoorratti hundaa’e taasiisuun imaammata Diinagdee Gooroo karaa guutuun hojiirra oolchuu kan eegale ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan ibsan.

Guddina itti fufiinsa qabuu fi fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf mootummaan haala guutuun ta’een imaammata diinagde Gooroo hojiirra oolchii eegaluu himaniiru.

Kanaafis qophii gahaan qorannoorratti hundaa’e taasiifamuu dubbataniiru.

Bu’aawwan Fooyyessa diinagdee mandhaleen argaman itti fufsiisuu fi rakkoolee jiran furuuf mootummaan imaammata diinagdee Gooroo karaa guutuun hojiitti hiikuuf gara hojiitti galuu himaniiru.

Gara hojiitti galuuf waggoottaan shanan darban ogeeyyii biyya keessaa fi alaa hirmaachuun qorannoon taasiifamaa turuu Dooktar Fitsuum ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan fooyyessa diinagdee kun kutaalee hawaasaa garaagararraatti dhiibbaa akka hin qaqqabsiifne xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.