Fana: At a Speed of Life!

Biriitaaniyaatti lakkoofsi namoota dhibee COVID -19 du’anii biyyoota Awrooppaatti isa olaanaa ta’e

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Biriitaaniyaatti lakkoofsi namoota COVID -19 du’anii biyyoota Awrooppaatti isa olaanaa ta’uu himame.
 
Akka Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseetti biyyattiitti namoonni kumni 29 fi 427 dhibee kanaan du’aniiru.
Kun ammoo addunyaarratti Ameerikaatti aanuun isa 2ffaa ta’uu isaa dubbatameera.
 
Ameerikaatti hanga guyyaa kanaatti namoonni kumni 70 ol vaayrasii koroonaan lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.