Fana: At a Speed of Life!

Saamu’eel Tafarraa fi Eermiyaas Girmaan marsaa itti aanuuf darban

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC) – Fiigicha gulaalluu meetira kuma 1 fi 500 dhiirota gidduutti gaggeeffameen Atileet Saamu’eel Tafarraa fi Eermiyaas Girmaan marsaa itti aanuuf darbaniiru.

Eermiyaas Girmaan fageenyicha daqiiqaa 3 fi sekondii 35 fi maayikiroo sekondii 21 xumuruun ramaddii 2ffaarraa sadarkaa 1ffaan marsaa itti aanuuf darbeera.

Saamu’eel Tafarraanis daqiiqaa 3 fi sekondii 37 fi maayikiroo sekondii 34 ramaddii 3ffaarraa sadarkaa 6ffaan xumuruun gulaallii walakkaa xumuraaf darbeera.

Atileet Abdiisaa Fayyisaan sadarkaa 14ffaan bahuun marsaa itti aanutti osoo hin darbin hafeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.