Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen, qaamolee misoomni Koriidarii magaalaa Finfinnee akka milkaa’u qooda qaban galateeffatan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen qaamolee misoomni Koriidarii akka milkaa’uu qooda isaanii bahan hunda galateeffataniiru.

Jijjiiramni magaalaa Finfinnee qabeenya qusachuun misooma waloo sirrii ta’eef qofa akka ooluu fi lammiileef xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii kalaqaa fi saffisarratti hundaa’e, itti fufiinsa qabuu fi qindoominni qaamolee hundaa keessatti mirkanaa’e ta’uu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

Yoo waltumsine hojii saffiisaa, qulqullinaa fi Itti fufiinsa qabu raawwachuun jijjiirama fiduu dandeenya jedhan.

Tumsi kun ammaas hojii yeroo itti aanu hojjetaman keessattis cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.