Fana: At a Speed of Life!

Sirni barnootaa haala qabatamaa biyyattii kan bu’uureffate ta’uun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Sirni barnootaa haala qabatamaa biyyattii kan bu’uureffate ta’uu Ministeerri Barnootaa ibse.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni ministeerichaa fi dhaabbilee waamamtotaa raawwii karooraa bara baajatichaarratti mari’ataniiru.

Waltajjicharratti Ministirri Misteerichaa Pirofeesar Birhaanuu Naggan, sirni barnootaa biyyattii fedhii ammaa fi egeree biyyattii akkasumas dorgomtummaa idil addunyaa kan giddugaleeffate ta’uu ibsan.

Akka biyyaattis sirna barnootaan lammiilee faayidaa biyyaalessaa eegsisuu danda’an horachuuf kan kaayyeffate ta’uus kaasaniiru.

Siviil Sarvaantiinis dhiibbaa paartii siyaasaarraa walaba ta’uun dandeettii fi ga’umsaa isaan mootumma fi ummata tajaajiluun akka irraa eegamu hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.