Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’inni weerara vaayrasii koroonaa biyyoota gaafa Afrikaatti dabalaa jiraachuu himame

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Tatamsa’inni weerara vaayrasii koroonaa biyyoota gaafa Afrikaatti dabalaa jiraachuu himame.
 
Naannichaatti namoonni vaayrasichaan qabaman torbee lamaan darban keessatti dachaan dabaleera jedhame.
 
Jibuutiitti vaayrasichi namoota kuma 1 fi 120 irratti agameera.
 
Keeniyaatti ammoo namoota 533 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 24 du’aniiru jedhame.
 
Soomaaaliyaattis vaayrasii kun namoota 835 irratti kan argame yoo ta’u, lubbuu namoota 38 galaafateera.
 
Sudaanitti ammoo namoota dhibichaan qabaman 778 keessaa namoonni 45 du’aniiru jedhame.
 
Biyyoota kanneenitti tatamsa’iinni isaa ariitiin dabalaa jira jedhame.
 
Akka ragaaleen muul’isanitti Afrkaatti namoota kuma 49 ol dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 1 fi 910 du’aniiru.
 
Namoonni kumni 16 fi 330 yoo dandamatan, namoonni kumni 30 fi 823 ammoo wallansarratti argamu.
 
Guyyoota 10 dura Ardii Afrikaatti namoonni vaayrasii kanaan qabaman namoota kuma 25 fi 940 qofa ture.
 
Akka gabaasa Yuunvarsiitii Johans Hopkiinsanitti addunyaarratti sabaaba vaayrasii koroonaan lakkoofsi namoota du’anii kuma dhibba 2 fi kum 58 yoo caalu, namoonni qabaman ammoo miiliyoona 3 fi kuma dhibba 7 fi kuma 40 fi 583 ga’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.