Fana: At a Speed of Life!

Biirichi Daldaltoonnii gatii himalleefi meeshaalee dhoksuurra akka of qusatan hubachiise

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Daldaltoonni Naannoo Oromiyaa fooyya’insa gatii sharafa alaa irratti taasifameen odeeffannoo dogoggoraa gatiin meeshaalee ol ka’a jedhuun gatii hin malle dabaluu, dhoksuufi kuusuurraa akka of qusatan Biiroon Daldalaa Oromiyaa hubachiise.

Biirichi Daldaltoota gochicha raawwatanirratti tarkaanfii fudhachuuf Koree Komaandi Poostii sadarkaan hundeessee hojiitti galuu ibseera.

daldaltoota gatii hin malle meeshaalee irratti dabalanirratti tarkaanffiin bulchiinsaa fi seeraa kan fudhatamuu ta’uun ibsameera.

hawaasni daballii gatii seeraan alaa wayita arguu Waajjira Daldalaa naannoo isaatti argamutti eeruu akka kennuu waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Komikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

akkasumas Lakkoofsa Bilbila 09 13 62 71 14 Ykn 09 17 80 58 02 rratti eeruu akka kennan biirichi ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.