Fana: At a Speed of Life!

Tigraayitti Pirojektoonni Birrii Biiliyoona 2.7oliin ijaaramaa jiran daawwataman

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaan pirojektoota misoomaa Birrii biiliyoona 2.7 oliin Magaalaa Maqaleetti ijaaramaa jiran daawwatan.

Pirojektoonni kunneenis ijaarsi daandii cirrachaa gandoota naannawa Magaalaa Maqalee 25 walitti hidhan, riqaalee bara bajatichaatti hojjetaman ta’uu TOI gabaaseera.

Sheediiwwan daabboon itti tolfamu 10 bulchiinsi magaalichaa ijaaraman dabalatee waggoota 60 ol kan lakkoofsise piroejktii babal’isaa fi suphaa Hospitaala Maqalee fi kanneen biroon akka daawwataman eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.