Fana: At a Speed of Life!

Raabsaan elektirikii ‘Gaardiyaan Shiildi’ gabaarraa dhorkame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Sadarkaa gadii kan ta’ee fi maddi isaa kan hinbeekamne Raabsaan Elektirikii ‘Gaardiyaan Shiildi’ gabaaf akka hindhiyaanne dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi to’annoo fi hordffii gabaa gaggeessaa jiruun raabsaa elektirikii ‘Gaardiyaan Shiildi’ abba uraa ja’aa, sadarkaa kan hinguunne ta’uu fi maddi isaa beekamaaa waan hintaaneef gabaaf akka hindhiyaanne dhorkeera.

Haaluma kanaan hawaasni oomishicha akka hinfayyadamne hubachiisuun, daldalaan kamuu utuu gurguruu yoo argame qaamolee seeraa waliin ta’uun tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa akka fudhatu eereera.

#Oromia Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.