Fana: At a Speed of Life!

Qondaalli Olaanaan Hamaas Teehraan keessatti ajjeefame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)-Qondaalli Siyaasaa Olaanaan Hamaas Ismaa’eel Haniiyeeh Iraan Teehraan keessatti ajjeefamuun gabaafame.

Ismaa’eel Haniiyeeh fi eegduu isaanii kan ajjeefaman sirna simannaa Pireezidaantii Haaraa Iraan Mas’uud Peezeeshkiyaan booda haleellaa mana jireenyaa isaaniirratti raawwatameen ta’uun ibsameera.

Eegduun Warraaqsaa Iraan, qondaalichi ajjeefamuu mirkaneessuun, ajjeechaa gaggeeffame ilaalchisee qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu fi odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusachuun gabaafameera.

#Oromia Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.