Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa lammiilee Itiyoophiyaa balaa sigiga lafaan miidhamaniif Doolaara miiliyoona 1 deeggarsa kan taasiiftu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kibbaa lammiilee Itiyoophiyaa Godina Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhamaniif Doolaara miiliyoona1deeggarsa kan taasiiftu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii beeksise.

Lammiilee sababa balichaan miidhamanii dandamachiisuu fi deebisanii dhaabuuf Mootummaan biyyattii deeggarsa kana taasiisuu ministeerichi ibsa kenneen himeera.

Godina Gooffaatti balaa sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota hedduu darbuu ‘The Koresn Herald’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.