Fana: At a Speed of Life!

Balaa sigiga lafaa Hinditti mudateen lubbuun namoota 24 darbe

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Balaa Sigiga Lafaa Kutaa bulchiinsa Kibba Hinditti mudateen lubbuun namoota 24 yoo darbu, namoota 66 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu gabaafameera.

Namoota haala rakkisaa keessa jiran hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Mootummaan biyyattii lammiilee miidhamaniif deeggarsa barbaachisu kan taasiisuu ta’uu Ministirri Muummee biyyattii Naareendiraa Moodiin himaniiru.

Maatii miidhamtootaaf beenyaan Maallaqa Hindi /Rupee/ kuma 200 hanga kuma 50 ni kaffalama jechuu isaanii BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.