Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa cimtuu ijaaruu keessatti gaheen Barsiisootaa olaanaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC) – Sirni baniinsa leenjii addaa ijaarsa dandeettii barsiisotaa fi hoggansa manneen barnootaa gaggeeffameera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad saganticharratti argamaniiru.

Lammiilee namuusaa gaarii, jaalala biyyaa fi ga’umsa qabu horachuu keessatti qoodni barsiisootaa olaanaa ta’uu Dooktar Abiy kaasaniiru.

Barsiisoonni kuma 60 ta’anii fi hoggantoonni manneen barnootaa Yuunivarsiitiwwan 28 keessatti leenjii addaa waqtii gannaa kana kan fudhatan ta’uu eerameera.

Leenjiin kun leenjii yeroo jalqabaaf kallattiin dhimmaan barnootaan walqabaturratti kennamu ta’uu Mimistirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuu eegalame dhugoomsuuf leenjichi qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Leenjii xiyyeeffannoo fi hordoffiin addaa taasiifamuuf ta’uu kaasaniiru.

Fireehiwaat Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.