Fana: At a Speed of Life!

Tilmaama sharafa alaa yookaan kaffaltii tajaajilaarratti burjaajii uumuun dhorkaadha-BBI

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)- Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fooyyessa bulchiinsa sharafa alaa milkeessuuf odeeffannoowwan garaagaraa walitti fufiinsaan kan kennuu ta’u beeksiseera.

Baankichi tilmaama sharafa alaa gabaa bu’uureffate ilaalchisuun odeeffannoo guyyuu kennuu, akka barbaachisummaa isaatti caalbaasii sharafa alaa (dhiyeessii waliigalaa fi tilmaama sharafa kan hammate) odeeffannoo kennuu, olmaa gabaa, waa’ee odeeffanoo sobaa fi olola garaagaraa akkasumas dhimmoota deebii kennuun barbaachisanirratti ibsa kan kennu ta’un eerameera.

Dabalataan hojiilee to’annoo fi hordoffiirratti xiyyeeffannaa cimaan kan hojjetu ta’uu ibseera.

Sharafa alaa daldala seera qabeessa ta’e qofaaf oolchuurratti baankichi to’annoo fi hordoffii cimaa akka taasisuu fi dambiiwwan qoqqooddii sharafa alaa Baankonni daldala galiin argatan, daangeffama qabeenyaa fi idaa sharafa alaa baankotaa akkasumas hojmaani to’annoo daddabarsa maallaqa seeraan alaa sirnaan raawwatamuu akka qabu hubachiiseera.

Tilmaama sharafa alaa fi kaffaltii tajaajilaan burjaajii uumuun dhorkaa ta’uus beeksiseera.

Baankiin Biyyaalessaa tooftaalee garaagaraan, bu’aalee teeknooloojii fayyadamuu fi akka barbaachisummaa isaatti Nageenya Faayinaansii fi qaamolee seeraa biroo walta’uun hojiileen to’annoo fi hordoffii kan gaggeeffaman ta’uun eerameera.

Qaamolee seera darban irrattis tarkaanfiin barsiisaan kan fudhatamu ta’uu eeruun, hirmaattota sharafa alaa ijoo fi baankonni akkasumas hawaasni bal’aan, faayidaa biyyaalessaa fi ummata Itiyoophiyaaf milkaa’ina fooyyessii bulchiinsa sharafa alaaf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopiaopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.