Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Sahaalaa Sayyamitti balaa dhidhimuu bidiruun lubbuun namoota 12 darbe

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)- Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Waag Himraa Aanaa Sahaalaa Sayyamtitti balaa dhidhimuu bidiru mudateen lubbuun namoota 12 darbuun eerame.

Biduruu namoota 26 feetee Laga Takazeerraan gara Ziquwaalaatti imalaa turteerra balaan dhidhimuu mudachuun eerameera.

Namootaa bidiruttiin imalaa turan keessaa 12 lubbuun darbuu ibsameera.

Mootummaan naannichaas lammiilee balichaan lubbuun isaanii darbetti gaddaa itti dhaga’ame ibsuun, maatii fi firoottaniif jajjabina hawweera.

Balaa qaqqabe kanaan namoonni torba lubbuun baraaramuun, hospitaalatti wal’aansi taasfamaafii jraachuunis eeramuu AMC gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.