Filmaatawwanii fi carraalee damee geejjibaa fi loojistiksiirratti mari’atame
Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamu simeen garee Dhabbata Faayinaansii fi Daldalaa Idil Addunyaa waliin filmaatawwanii fi carraalee damee geejjibaa fi loojistiksiirratti mari’atan.
Dooktar Alamuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, garee abbootii qabeenyaa biyyoota garaagaraarra baba’e waliin kan mari’ataan ta’uu fi mariin isaaniis bu’uuraalee misoomaa buufataalee meeshaalee goggogaa fi giddugaloota loojistiksii irratti mari’achuu ibsaniiru.
Akkasumaas bu’uuraalee misoomaa geejjiba baaburaa, geejjibaa fi tajaajilaa akkasumas damee aviyeeshiniin carraalee fi filmaatawwan invastimantii jiranirratti mari’achuu himaniiru.
Abbootiin qabeenya kunneenis Itiyoophiyaan qabeenya qabdu, naannawaa bizinasii mijataa fi haala gabaa bu’aa qabeessaa hawaachuun, pirojektoota invastimantii damee garaagaraarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu mirkaneessuu eeran.
#Oromia #Ethiopia