Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Maannaatti balaa tiraafikaan lubbuu namaa fi qabeenyaarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Godina Jimmaa Aanaa Maannaa iddoo Addaa Malkaa Mannaa jedhamutti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun nama 1 battalumatti yoo darbu namoota sadi irra midhaan cimaan qaqqabuun ibsame.

Qajeelcha Poolisii Godina Jimmaatti Itti Gaafataman Kutaa To’annaa fi Nageenya Tiraafikaa Gargaara Inispeektara Jiraataa Addunyaan, balichi konkolaataan fe’umsaa midhaan fe’ee Magaala Jimmaa irraa gara Aggaarrootti Imalaa ture, konkolaataa Siinootiraakiin cirracha fe’ee gara Magaala Jimmaatti imalaa ture waliin walitti bu’ee garagaluun akka ta’e FBC’f himaniiru.

Balichaan lubbuun namaa 1 yoo darbu qabeenya irraas mancaatiin ga’uu ibsan.

Namoonni balichaan miidhaan irra ga’es Hospitaala Yuunivarsiitii Jimmaatti wal’anama jiraachuu Inispeektar Jiraatan dubbataniiru.

Ka’umsi balichaas ariitin konkolaachisuu akka ta’e ibsaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.