Fana: At a Speed of Life!

Yuunayitid Isteet Doolaara tiriliyoona 3 liqeeeffachufi

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) – Yuunayitid Isteet Doolaara tiriliyoona 3 liqeeeffachufi.

Ameerikaan ittisa weerara vaayrasii koronaatiif Doolaara tiriliyoona sadii liqeeffachuuf akka jirtu beeksifte.

Maallaqni liqeeffachuuf jettu kun sirna fayyaa biyyattiin jabeessuu fi dinagdee sababa weerara kanaatiin miidhame tumsuuf jedhameera.

Maallaqni guddaa amma liqeeffatamu kun yeroo rakkoo dinagdee bara Franjoota 2018tti liqii fudhatame harka shaniin caala.

Ameerikaan maallaqa kan liqeeffattu boondii mootummaa gurguruunidha.

Seenaa keessatti inveestaroota addunyaan akka inveestimantii gaariitti waan ilaalamtuuf dhala liqii xiqqoo baasti ture.

Akka gabaasa BBCtti liqiin biyyaalessaa Yuunayitid Isteet ammatti doolaara tiriliyoona 25 irra ga’eera.

Garuu vaayrasii koroonaa durayyu, gatiin liqii biyyattii irra jiru kan dabalaa deeme sadarkaa fulduratti rakkoo guddinaa fidudha jedhu oggeesotni, sababiin isaa biyyattiin galii argattu irraa baasiin ba’u waan caalufi.


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.