Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa hoggansa ga’umsa qabu horachuuf yeroo kamuu caalaa hojjechaa jira-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Raayyaan Ittisaa Biyyaa hoggansa ga’umsa qabu horachuuf yeroo kamuu caalaa hojjechaa jiraachuu Itaamaajoor Shuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Koolleejjiin loltummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa barattoota idilee fi koorsiiwwan gaggabaaboo bara 2016 eebbisiiseera.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan saganticharratti qajeelfama kennaniin, barattoonni eebbifamtoonni barnoota isaanii xumuran, beekumsaa argatan hojiitti jijjiiruun ijaarsa raayyaa Ittisaa ammayyaa’aa keessatti gahee isaanii akka bahatan akeekaniiru.

Raayyaan Ittisaa hoggansa tarsiimawaa ga’oome horachuuf sadarkaa dhaabbataatti, karoora baasuu fi hojmaata walfakkaataadhaan hoggansa waraanaa cima uumuuf yeroo kamuu caalaa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbilee akka Koolleejjii Loltummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuu fi hojamaata diriirsuun, raayyaa ammayyaa’aa fi qaroomaa ijaaruu fi ilaalcha loogiirra bilisa ta’e uumuun danda’ameera jedhan.

Biyyattii diigumsarraa baraaruun Raayyaa madaalawaa uumuun wayita danda’ameedha jedhanii, hoggantoonni barnootarra turan hojiitti wayita seenan ilaalcha haaraa cimaa fi jijjiirama tarkaanfachiisuun adda duree ta’uun dhaabbata isaanii gara sadarka fooyya’aatti akka ceesisan amantaa qaban ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.