Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Godina Goofaatti balaa Sigiga lafaan Lubbuu namoota darbeen gaddi itti dhagahamuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuu namoota darbeen gaddi cimaan itti dhagahamuu ibseera.

Paartichi ibsa baaseen ,maatiiwwanii fi firottan balichaan lubbuun darbeef jajjabina hawweera.

Paartichi Lammiilee miidhaan irra qaqqabe deebisanii dandamachiisuuf gahee isaa kan bahatuu ta’uus eereera.

Hogganaan Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa godinichaa Maarqoos Mallas gamasaaniin, koreen deebisanii dandamachiisuu Hatattamaa hundaa’uun hojii deeggarsa walitti qabuu eegaluu ibsaniiru.

Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu cimee kan itti fufe yoo ta’u,namoonni lubbuun darban157 qaqqabuunis ibsameera.

namoota 10 lubbuun baraaraman Hoospitaala Waliigalaa Saawulaatti wal’ansi taasifamaa fi jiraachuu dubbataniiru

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.